መጪውን የትንሳኤ በዓል ምክንያት በማድረግ
መጪውን የትንሳኤ በዓል ምክንያት በማድረግ በቂ የበዓል ፍጆታ በተመጣጣኝ ዋጋ ለማቅረብ በቂ ዝግጅት መደረጉ ተገለፀ።
መጋቢት 28/2018 ዓ ም
የአዲስ አበባ ንግድ ቢሮ ኃላፊ ክብርት ወ/ሮ ሀቢባ ሲራጅ መጪውን የትንሳኤ በዓል ምክንያት በማድረግ በአገር ውስጥ ለሚገኙ ሚዲያዎች ጋዜጣዊ መግለጫ ሰጥተዋል።
ክብርት ወ/ሮ ሀቢባ በሰጡት ጋዜጣዊ መግለጫ የከተማ አስተዳደሩ የትንሳኤ በዓልን ምክንያት በማድረግ የምርት እጥረት እንዳይፈጠር ከክልሎች እና ከአጎራባች ከተሞች ጋር በቅርበት ሲሰራ መቆየቱን ገልፀው ለዚህም በቂ የበዓል ፍጆታ ምርቶች መዘጋጀታቸውን አሳውቀዋል።
ወ/ሮ ሀቢባ አክለውም ከዛሬ መጋቢት 28/2018 ዓ ም ጀምሮ በዓሉን በማስመልከት በ11ዱም ክ/ከተሞች የበዓል ባዛሮች በይፋ ስራ የሚጀምሩ መሆኑን ገልፀው የእሁድ ገበያዎችም ሳምንቱን ሙሉ ክፍት እንደሚሆኑ ተናግረዋል።
በዓሉን ምክንያት በማድረግ አርቴፊሻል የሆነ የዋጋ ንረት እንዳይፈጠር የቁጥጥር ስራው ተጠናክሮ የሚቀጥል መሆኑን ያሳወቁት ክብርት ወ/ሮ ሀቢባ ሲራጅ በየደረጃው የሚገኙ የሚመለከታቸው መንግስታዊ አካላት በቅንጅት እንዲሰሩ መልዕክት አስተላልፈዋል።
Ayyaana Faasikaa dhufu ilaalcha keessa galchuun fayyadama ayyaanaa gahaa gatii madaalawaa ta’een dhiyeessuuf qophiin gahaan taasifamuu beeksiseera.
Bitooteessa 28/2018 Dh.K.D
Hoggantuun Biiroo Daldala Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj ayyaana Faasikaa dhufu ilaalcha keessa galchuun miidiyaalee biyya keessaaf ibsa gaazexeessitootaaf kennaniiru.
Aadde Habiba ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, bulchiinsi magaalichaa sababa ayyaana Faasikaatin hanqinni oomishaa akka hin uumamneef naannolee fi magaalota ollaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka ture kan ibsan yoo ta’u, kanaafis oomishni fayyadama ayyaanaa gahaan qophaa’uu beeksisaniiru.
Aadde Habibaan har’a Bitooteessa 28/2018 Dh.K.D irraa eegalee ayyaana kana ilaalcha keessa galchuun kutaa magaalota 11 keessatti bazaaroonni ayyaanaa ifatti hojii akka jalqaban, gabaan Dilbaata torban guutuu banaa ta’uu ibsaniiru.
Ayyaana kana fayyadamuun Kabajamtuu Aadde Habiibaa Siraaj qaala'iinsa gatii namtolchee ittisuuf hojiin dambii itti fufiinsaan cimee akka itti fufu kan beeksisan yoo ta'u, qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatu sadarkaa sadarkaan jiran qindoominaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Comments
Nothing was found.
Leave Your Comments